1Yoonaas waa'ee kanaaf baay'ee dallanee, aaree in boba'es;
2yommus inni Waaqayyoon kadhatee, ?Maaloo yaa gooftaa, utuun biyya kootii hin ka'in, inni ani sodaadhe isuma kana mitii ree? Ati Waaqayyo araara-qabeessa, oo'a-qabeessa, aariitti suuta-jedhaa dha, gaarummaan kee baay'ee dha, wanta hamaa fiduuf jettees in dhiifta; ani kana beekeen harka si dursee Tarshiishitti sokke*.
3Amma immoo yaa Waaqayyo, ani jiraachuu irra du'uu anaaf wayya, hadaraa lubbuu koo ana keessaa fuudhi!? jedhe*.
4Waaqayyo immoo deebisee, ?Ati aaruun siif in ta'aa ree?? jedheen.
5Yommus Yoonaas mandaricha keessaa ba'ee, mandaricha irraa gara ba'a-biiftuutti goree taa'e; achitti godoo baalaa walitti qabatee, wanta mandarattiitti dhufu hamma argutti gaaddisa isaa jala taa'e.
6Yommus Waaqayyo gooftaan biqiltuun akka qobboo biqilee, gaaddisa isaa mataa Yoonaas irra buufatee dallansuu isaa akka itti foyyeessuuf godhe; Yoonaas immoo biqiltuu sanatti baay'isee in gammade.
7Borumtaa garuu yeroo boruun baqaqutti Waaqayyo, raammoon tokko biqiltuu akka qobboo sana akka ciniintu in godhe; biqiltuun sunis in goge;
8yeroo aduun baatetti immoo Waaqayyo, qilleensi ba'a-biiftuu inni gubaan akka isatti qilleensa'u in godhe; aduunis hamma Yoonaas gaggabutti mataa isaa waraane; yommus inni, ?Jiraachuu irra du'uu anaaf wayya? jedhee du'uu in hawwe*.
9Waaqayyo ergasii Yoonaasiin, ?Ati waa'ee biqiltuu sanaaf aaruu in tolchitee?? jedhe; inni immoo, ?Ani hamma du'aatti aaruuf iyyuu nan tolche? jedhee deebiseef*.
10Waaqayyo garuu, ?Ati biqiltuu waan tokko itti hin dadbabiniif, isa hin guddisiniif, isa halkan tokkotti ba'ee halkanuma tokkotti immoo badeef in gaddita;
11mandara Nanawwee keessa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama irra caalanii fi horii qe'ee baay'eetu jiraata; namoonni ishee keessa jiraatan sun warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu hin dandeenyee dha; egaa ani immoo mandara guddittii namoonnii fi horiin hammasii keessa jiraatan kanaaf garaan ana hin jibbuu ree?? jedhe.